(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 20,2009) Maddeen itti dhihoo akka gabaasanitti Korporeeshiniin humna Ibsaa Wayyaanee torbanoota lamaan dhufan booda tajaajila Ibsaa Faraqaadhaan raabsuuf murteesseera.
Hanqina humna Ibsaaf akka sababaatti kan kaa’ame hidha humna maddisiisu keessaa bishaan waan hir’ateef jedhameera.
Waggaa dabre magaalonni biyyaatti 1,800 fi gandoonni hedduun guyyaatti tajaajila ibsaa sa’a 6 qofaa akka argatan kan dirqisiise hanqinni humna ibsaa kun, baranas falli akka hin argamiiniif maddeen dabaluun gabaasaniiru.
Humni ibsaa kun barana ammoo meegaa Waatii 100 hanga 120 hir’isuu akka danda’u kan ibsame ennaa tahu, kunis hawaasa keessatti yaaddoo guddaa uumuutu himame.
Sirni Wayyaanee taajaajilli humna ibsaa biyya keessa irraa hafee, biyyoota ollaa kan akka Sudaan, Jabuutii fi Keniyaatti gurguramee galii akka argamsiisu hojjataa jirra, jechuun wayita dhara afarsaa jiru kanatti, maddisiistonni hunma ibsaa biyyaattii keessa jiru jedhaman hunid walitti dabalamanii fedhii biyya keessaa illee guutuu dadhabuun, kijiba Wayyaanotaa daranuu saaxilaa jira jechuun qeequ, taajjabdoonni.